Fana: At a Speed of Life!

Biirichii fi Yuunvarsiitin Bulee Horaa tajaajila lammummaa laatan

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Biiron Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa Oromiyaa magaalaa Sulultaatti, Yuunvarsiitin Bulee Horaa ammoo magaalaa Bulee Horaatti tajaajila lammummaa laatan.
 
Hojjettoonni biirichaa itti aanaa hogganaa obbo Huseen Zinaabin duurfamuun, biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomuu fi harka qalleeyyidhaaf mana ijaaruun tajaajila laataniiru.
 
Torban lamaan darban keessatti tola ooltonni kuma 500 ol ta’an hojii adda addaarratti bobba’uu obbo Huseen himaniiru.
 
Yuunvarsiitin Bulee Horaa hawaasa harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaf deeggarsa midhaan nyaataa laatera.
 
Yuunvarsiitichi sagantaa tajaajila lammummaa marsaa 2ffaatin deeggarsa midhaan nyaataa, mi’eessituu fi zayitaa walumaa galatti kiilo giraama 9000 namoota 211f laatera.
 
Kunis deeggarsa Birrii kuma 200 fi kuma 79 fi 959 kan tilmaamamudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.