Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa qaamolee guddina barnootatiif gumaacha taasisaniif beekamtii laateera

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa qaamolee guddina barnootatiif gumaacha taasisaniif beekamtii laate.
Sirni beekamti kunis har’a magaalaa Adaamaatti kennameera.
Ganna darbe hojii tola ooltummatiin abbootii qabeenyaa, dhaabbilee fi barsiisota hirmaannaa olaanaa taasisaniifi beekamtichi  kennameera.
Deeggarsa humnaa, beekumsaa fi qabeenyaan kanneen gumaachan abbootii qabenyaa fi dhaabbilee garaagaraa 12, bulchiinsa magaalotaa 3 fi godinaalee 3 akkasumas barsiisota 108, hojii fakkeenyumaa qabuu hojjetaniif beekamtiichi  laatameera.
Akkasumas FBC dabalatee miidiyaalee gumaacha buusanii fi hojii fakkeenyumaa qabu hojjetaniifi beekamtiichi  laatameera.
Gana darbe qofa hirmaannaa hawaasaa fi abbootii qabeenyatiin manneen barnoota daree dabalaaa kumni 34 fi 200 ol ijaaramaniiru.
Kunis Birrii biiliyoona shanii olitti kan tilmaamamudha.
Ijaarsa dareewwanii fi deeggarsa meeshaalee barnootaan qaamolee tumsa taasiisan 126 oliif beekamti kennameera.
Sirna kanarraatti preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Shimallis Abdiisaa, af yaa’iin caffee Oromiyaa aaddee Loomii Badhoo fi keessumootni biroos argamaniiru.
Sirni beekamti kunis har’a magaalaa Adaamaatti kan kenname  yoo ta’u, kanaanis ganna darbee hojii tola ooltummaan abbootii qabeenyaa, dhaabbilee fi barsiisota hirmaannaa olaanaa taasisaniif.
Hojii tola ooltummaan qaamoleen hawaasaa garagaraa lammii beekumsaan gahoome akka horataniif kitaabota miiliyoona 1.2 arjoomamaniru jedhan hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon.
Mootummaan naannoo Oromiyaa humna namaa beekumsaan gahoomee rakkoo hawaasaas tahee biyyaa furu horachuuf baajata Birrii biliyoonaa 4.9 ramaduun manneen barnoota addaa ijaarsisaa jiru, dhibbeentaa 30’rraa gahaniru.
Proojeektiin ‘Ifaa Borii’ xiyyeeffannoo mootummaan naannicha kenneen, manneen barnootaa bultii addaa 7, manneen barnoota addaa 40 fi sadarkaa, 2ffaa 100 bara kana ijaarsi isaanii eegale dhibbeentaa 30 gaheera jedhan hogganaan biiroo barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon.
Kanneen keessaa kan ijaarsi isaanii duubatti harkifate kan Amboo fi Haromayaa xiyyeeffannaa addaa barbaadu jedhame.
Manneen barnoota addaa proojerktii ‘Ifaa Borii’ ijaaramaa jiran keessaa 11 Yuunvariistotaan kan ijaaramanidha.
Ijaarsi manneen barnoota Ifaa Borii kun namoota kuma dhibba 1 kuma 50 carraa hojii kan uumuu yoo ta’u, hanga yoonaas namoota kuma 11’f carraa hojii uumera.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.