Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa tajaajila lammummaa bara 2015 jalqabsiise

Finfinnee, Caamsaa 20, 2014 (FBC) – Biiroon barnoota Oromiyaa tajaajila lammummaa bara 2015 jalqabsiiseera.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon, hojii tajaajila lammummaan lammiilee keenya haa ijaarru jedhaniiru.

Manneen barnootaa Bu’uura Boruu ijaaruu, nyaata barattootaa waliin gahuu, manneen barnootaa keessatti qonna eegaluun xiyyeeffannoo Biirichaa ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila lammummaan hojiileen hedduun hojjetamuu eeranii, bara dhufus manneen barnootaatti oomishaa qonnaas eegaluuf ta’uu ibsaniiru.

Sirna barnootaa fooyyessuun barattoota waa kalaqu danda’an uumuu qabnaa dubbataniiru.

Waltajjiin marii karoora bara 2015 fi jalqabsiisa tajaajila lammummaa damee barnootaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.