Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa meeshaalee nyaataa Birrii miliyoona 1.5 tilmaamamu deeggarsa akka taasisu beeksise

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Biiroon Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa harka hawaasa qalleeyyif meeshaalee nyaataa Birrii miliyoona 1.5 tilmaamamu deeggarsa akka taasisu beeksise.

Biiroon Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa harka hawaasa qalleeyyif meeshaalee nyaataa Birrii miliyoona 1.5 tilmaamamu ayyaana bara haaraa sababeeffachuun deeggarsa akka taasisu hooggantuun Biirichaa aadde Jamiilaa Sinbiruu beeksisaniiru.

Aadde Jamiilaan guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa keennaniin Biirichi harka qalleeyyii sababa dhibee koroonaatin rakkoof saaxilaman kan deeggaraa ture ta’uu isaa himuun ayyaana waggaa bara haaraa sababeeffachuun ammoo meeshaalee nyaataa adda addaa Birrii miliyoona 1.5 tilmaamamu deeggarsa taasisuuf meeshaaleen hundi kan bitamaniifi guyyoota lammaan kana keessatti harka qalleeyyii,qaama miidhamtootaa fi manguddoota rakkoof saaxilamaniif kan keennamu akka ta’e himaniiru.

Kan beelayee nyaachisuun,kan uffata hin qabne uffisuun duudhaa Oromummaati kan jedhan aadde Jamiilaan Biirichi kaayyoo dhaabbatef bu’ura godhachuun qaamoota adda addaa waliin ta’un deeggarsa kan taasisaa ture ta’us,Yeroo ammaa garuu erga covid -19 biyyaa keenya gale asitti hawaasa rakkoof saaxilamaniif karaa adda ta’een deeggarsa taasisaa turuu isaa eeraniiru.

Wal gargaaruuf Abbaa qabeenyaa ta’uu hin barbaachisu waan ta’eef hundi kan qaburraa harka qalleeyyif deeggarsa taasisuun duudhaa ganamaa Oromummaan nu dhaalchiseen wal utubnee cee’uu qabna jedhaniiru.

Biirichi ijoollee daandirra jiran gurmeessuun gara hojiitti galchuuf karaa qindoomina qabuun kan hojjechaa jiru yoo ta’u bara kana hojiichi magaaloota muraasa keessatti egalameera.

Daandiin biqiltuu Itti dhaabnee magariisa taasisuun ijoolleen kan ittiin baratan taasisuuf hojiin eegalame cimee kan itti fufu ta ‘uu isaas dubbataniiru.

Qaama miidhamtoonni deeggarsa kan isaan barbaachisu ta’uus karaa of danda’anii gurmaa’un hojjetan yoo deeggaraman garuu of danda’urraa darbuun jijjiirama biyyattii deeggaruu keessattis shoora olaanaa taphachuu danda’u.

Kanaafuu qaama miidhamtoota karaa gurmaa’een deeggaruun gahee hunda keenyaati waan ta’eef Abbootii qabeenyaa dabalatee hundi keenyaa tumsa taasisuu akka qabnu dhaamaniiru.

Manguddoota gargaaruu qofa otuu hin taane akka isaan nu gargaaran taasisuuf giddugalli manguddootaa magaaloota akka Maqii keessatti bajata guddaa dhaan ijaaramaa kan jiruufi Kun ammoo magaaloota garaa garaa keessatti babal’isuun kan isaanirraa argachuu qabnu eebba dabalatee akka argannu xiyyeeffannaadhaan kan hojjetamuu ta’uu isaa aadde Jamiilaan ibsaniiru.

Ummanni Naannichaa xiqqaa guddaa,Abbaa qabeenyaa hiyyeessa otuu hin jedhiin kessattuu hawaasa weerara dhibee koronaatin rakkoof saaxilaman deeggarsa taasisaa jiru rakkoo kana hanga ceenuutti cimsee akka itti fufuus aadde Jamiilaan dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.