Fana: At a Speed of Life!

Birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf wareegama kamuu kaffaluuf qophiidha – BMDD

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) –Birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa beeksiise.

Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Gareen ABUT jaalala gidduutti jibba, tokkummaa keessatti walqooduu, nageenya gidduutti waraana kan uumuu garee bu’uurarraa farra namummaa ta’e ta’uu ibsa isaan himeera.

Aangoo siyaasaa isaa dheereffachuuf shira xaxaa tureen fakkeenya tokkummaa fi nageenyaa ta’uun kan beekkamtu magaalaa Dirree Dawaa diinagdee fi hawaasummaan akka quucartu taasiisaa turuu himeera.

Ummannii fi Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa shira ergamtoota isaa fashaleessuurra darbee tarkaanfii garee ABUT irratti fudhatamaa jiru tumsuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.

Hawaasni idil addunyaa garichi waamicha nagaa dhiyaate akka fudhatu dhiibbaa taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.