Fana: At a Speed of Life!

Biyya hundaaf mijattu iaaruuf riifoormiin hojjetamaa jira – Obbo Adam Faarahii

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) – Hawaasa Diinagdee fi siyaasaa tokkoo ijaaruun biyya hundaaf mijattu uumuuf riifoormiin hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahiin ibsan.

Haala qabatamaa waliigalaa idil addunyaa ka’umsa taasiisuun dhimmoota ijoo 4 irratti hojiileen riifoormii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gurmaa’insarraa jalqabee hawaasaa Diinagdee, mootummaa, Paartii fi siyaasaa tokkoo ijaaruuf hojiileen riifoormii hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Riifoormicharratti miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf leenjin kennameera.

Leenjirratti hojiileen Riifoormii mootummaa kutaalee hawaasaa hunda hammate ijaaruuf dandeessisu hojjetamuu Obbo Adam Faarahiin eeraniiru.

Kaayyoon Riifoormichaa biyya rakkoorraa baraaruu fi fooyya’iinsa diinagdee jireenya ummataa jijjiiruu taasiisuu ta’uu eeraniiru.

Dhaabbilee dhuunfaa diinagdee keessatti hirmaachisuu, oomishaa fi oomushtummaa guddisuu,fayyadamummaa haqa qabeessaa fi dorgomaa ta’e hojiin mirkaneessuu kan hojjetamuu ta’uu eeruu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.