Fana: At a Speed of Life!

Biyya waloo ijaaruuf hundi ga’ee isaa ba’achuu qaba- Pirof. Masfin Aarayaa

Finfinnee, Hagayya 3, 2014(FBC)- Biyya waloo ijaaruuf hundi ga’eesaa ba’achuu akka qabu Komishinarri Olaanaan Komishiniin Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Aarayaan ibsan.

Mariin ergama komishinichaarratti hubannoo uumuurratti kaayyeffate naannoo Affaar magaalaa Samaraatti gaggeeffameera.

Baatiiwwan jahan darbanitti, ergamaafi kaayyoo komishinichaarratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu Piroofeesar Masfin maricharratti ibsaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaan gamasaaniin, hundi jiraachuu kan danda’u biyyi yoo jiraatte ta’uu beekamuu qaba jechuu TOI gabaaseera.

Garaagarummaa yaada mariin hiikuun dhimma filannoo biraa hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Mootummaafi uummanni naannichaa milkaa’ina ergama komishinichaaf ga’ee mataasaa ba’achuuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.