Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Gaanfa Afrikaa gaaffii karra galaanaa Itiyoophiyaa faara gaariin ilaaluu qabu-Laawuransi Firiimaan

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Biyyoonni Gaanfa Afrikaa gaaffii karra galaanaa Itiyoophiyaa faara gaariin ilaaluu akka qaban Xiinxalaan Dhimmoota Siyaasaa fi Diinagdee Ameerikaa Laawuransi Firiimaan dubbatan.

Biyyoonni Gaanfa Afrikaa naannawicha diinagdeen misoomsuu haalaa danda’amurratti mari’achuu akka qaban ibsaniiru.

Laawuransi Firiimaan akka jedhanitti, gaaffiin fayyadamummaa karraa galaanaa Itiyoophiyaa seeraa qabeessaa fi haqa qabbeessaa akkasumas waloon misoomuu kan bu’uureffateedha.

Afrikaarraa biyyi baay’ina ummataan sadarkaa 2ffaarratti argamtu daldalaa alaa fi galii qofaan guddachuu akka dandeessurra kan ka’e ta’uu eeranii, misooma biyyoota naannawichaa mirkaneessuuf haala mijataa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Ka’umsi fedhii karraa galaanaa fayyadamuu Itiyoophiyaa sirrii ta’uu fi guddina diinagdee ummata Gaanfa Afrikaa dabaluuf gumaacha akka qabu ibsaniiru.

Kanaaf biyyoonii Gaanfa Afrikaa gaaffii karraa galaana fayyadamuu Itiyoophiyaa faara gaariin ilaaluu akka qaban dubbataniiru.

Karraa galaanaa qofaan utuu hindaangeffamin buufataalee hedduu Gaanfa Afrikaatti argaman adeemsa guddina diinagdee naannawaa hordofuun fayyadamuun haala danda’murratti kan xiyyeeffate mariin gaggeeffamuun gaarii ta’uu eeraniiru.

Filmaata karraa galaanaa fi buufataaleetti fayyadamuu dureewwan qofaan utuu hintaane ogeeyyiin damichaa fi qorattoonni irratti mari’achuun yaada furmaataa maddisiisuu akka qaban himuu TOI gabaaseera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan, yaadama waloon misoomuutiin buufataalee fi karra galaanaa fayyadamuu akka barbaadduu fi kana milkeessuufis qajeeltoo kennanii-fudhachuun akka hordoftu ibsuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.