Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Lixaa talaallii vaayrasii koroonaa kuusaan keessaa % 4-5 biyyoota guddataa jiraniif akka laatan gaafatame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakroon biyyoonni Lixaa talaallii vaayrasii koroonaa kuusaan keessaa % 4-5 biyyoota guddataa jiraniif akka laatan gaafataniiru.
Preezdaant Maakroon walga’ii miseensota garee biyyoota 7 Intarneetiin gaggeeffameerratti yaada kana laataniiru.
Talaalliin vaayrasii koroonaa sirnaan qooddamuu dhabuun walqixxummaa addunyaa miidha jedhan.
Hanga ammaatti talaallichi biyyoota badhaadhiniif qofa laatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gama biroon Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan talaallicha biyyoota harka qalleeyyiif qaqqabsiisuuf garee qindoomaa Koovaaksii jedhamuuf Doolaara Ameerikaa biiliyoona 4 gumaachaniiru jedhame.
Muummeen Ministiraa Ingiliiz Booriis Joonsanis talaallii vaayrasii koroonaa garee kanaaf ni laatu jedhamee eeggama.
Hanga ammaatti addunyaarratti namoota vaayrasii koroonaan qabaman miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 keessaa, lubbuun namoota miiliyoona 2 fi kuma 4 olii darbeera.
Afrikaattis namoota dhibichaan qabaman miiliyoona 3.8 keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 darbeera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.