Fana: At a Speed of Life!

Boba’aa liitira kuma 85 albuuda biroon makee gurguruuf kan yaale Buufanni Raabsaa Boba’aa Ooyilibiya saamsame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2014 (FBC) – Godina Geediyoo Magaalaa Wanaagaatti boba’aa liitira kuma 85 albuuda hinbarbaachifneen makuun hawaasatti gurguruuf kan yaale Buufanni Raabsaa Boba’aa Ooyilibiya saamsamuu Qajeelchi Misooma Gabaa fi Daldalaa godinichaa Beeksise.

Ittigaafatamtun Qajeelcha Misooma Gabaa fi Daldalaa Godinichaa Aadde Misgaanaa Baraasoo, mootummaan fedhii hawaasaa guutuuf kallattii ka’een, boba’aa hawaasaan ga’uuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Eeruu ummatarra qaqqabeen bu’uureffachuun, boba’aa albuuda hinbarbaachifneen makamuun gurguramaa ture addaa baasuuf hordoffii taasifameen, boba’aan buufatichaan gurguramaa ture hanqina qulqullinaa kan qabu ta’uu Dhaabbata Dhiyeessii Boba’aa Ityoophiyaarraa qulqulleessuun akka danda’amee eeraniiru.

Ittaanaa Kantiibaa fi Qindeessaan Kilaastara Diinagdee Magaalaa Wanaagaa Obbo Sintaayyoo Golloo gama isaaniin, daldala seeraan alaa magaalichatti babal’ataa dhufee fi oomishaalee sadarkaa gadi gurguraman to’achuun cimee itti fufeera jedhan.

Haaluma kanaan, boba’aa liitira kuma 85 albuuda hinbarbaachifneen makuun hawaasatti gurguruuf kan yaale Buufata Raabsaa Boba’aa Ooyilibiyaarratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu himaniiru.

Gochaa seeraan alaa fi rakkoolee akkanaa hambisuuf bulchiinsi magaalichaa Qajeelchaa Misoomaa Gabaa fi Daldalaa godinichaa waliin ta’uun hordoffiin taasisu cimee kan itti fufu ta’uu himuu isaanii Ragaan Biiroo Misooma Gabaa fi Daldalaa Naannoo Kibbaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.