Fana: At a Speed of Life!

Boba’aa Xiyyaaraa faalama qilleensaa hin qaqqabsiifne biyya keessatti oomishuuf sochiin eegalame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2015 (FBC) – Boba’aa Xiyyaaraa faalama qilleensaa hin qaqqabsiifne biyya keessatti oomishuuf sochiin eegalamuu Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa beeksise.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa jijjiirama sona Indaastirii Aviyeeshiinii idil addunyaa eeguun hojmaata ammayyaa hordofaa jiraachuu Walitti Qabaan hoggansa Boordii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Girmaa Waaqeen ibsaniiru.

Haaluma kanaan Boba’aa Xiyyaaraa faalama qilleensaa hin qaqqabsiifne biyya keessatti oomishuuf qorannoon xumuramuu himaniiru.

Qorannicharraa ka’uun mootummaa fi qooda fudhattoota waliin ta’uun gara hojiitti galamuu dubbataniiru.

Milkaa’ina isaaf dhaabbileen imala Xiyyaaraa Booying, Eer Baasii fi Ayyaattaan deeggarsa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Maddi:- TOI

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.