Fana: At a Speed of Life!

Bobbii hojii fi ijaarsa dandeettii ogummaa Ogeeyyii Fayyaa guddisuuf mari’atame

Finfinnee, Ebla 20, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabbaan bobbii hojii fi ijaarsa dandeettii ogummaa Ogeeyyii fayyaa guddisuuf Ministira Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin biyya keessaa fi alaattii damee fayyaan carraa hojii uumuuf haalota dandeessisanirratti mari’achuu ragaa Miisteera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataan dandeettii damee fayyaan jiru gabaa carraa hojiif dhiyeessuun lammiilee fi biyyaaf faayidaa akka qabaatu akkasumas ce’umsa teeknooloojii saffisiisuuf, ogeeyyii fayyaa leenji’aniin sadarkaa Idil Addunyaatti tajaajila wal’aansaa kennuuf gahee isaanii akka bahatan hojjechuuf waliigalteerra ga’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.