Fana: At a Speed of Life!

Boordichi bu’aa yeroo murtee ummataa Godina Walaayittaa ifoomse

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa bu’aa yeroo murtee ummataa irraa deebiin Godina Walaayittaatti gaggeeffame sadarkaa godinaatti ifoomseera.

Boordichi Godina Walaayittaatti irraa deebiin murtee ummataa, Waxabajjii 12, 2015 buufataalee filannoo kuma 1 fi 812 irratti gaggeeffameen, sagalee filattoota kumni 849 fi 896 kenname hojii ida’uu Wajjira Qindeessaa Godinichaatti gaggeessaa turuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan Boordichi hojii bu’aa sagalee mirkaneessuu xumuruun sadarkaa godinaatti bu’aa yeroo ifoomsuu ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.