Fana: At a Speed of Life!

Boruu keenya har’a haa ijaarru – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Amajjii 7, 2015 (FBC) – Boruu keenya har’a haa ijaarru jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis,biyyi walharkaa fuudhinsa dhalootaatiin ijaarramti jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Addunyaan har’a keessa jiraannu walharkaa fuudhinsa dhalootaan har’a geesse. Akkuma dhaloonni dheengaddaa isa kaleessaaf; inni kaleessaa isa har’aaf bu’uura kaa’e dhaloonni har’aa ammoo isa boruuf jiraachuun murteessaa dha. Biyyi walharkaa fuudhinsa dhalootaati kan jedhamuufis kanumaafi.

Namni dhuunfaas ta’e, hawaasni tokko boru jiruuf jireenya fooyya’aa jiraachuuf akkasumas dhaloonni ammoo kan irra caalaa fooyya’aa akka jiraatuuf har’a hojjechuun barbaachisaa dha. Addunyaa har’aa keessatti garuu hojjechuun qofti ga’aa miti; waan hojjetanii argatan irraa qusachuun jireenya boruuf karoorsuufi yaaddoo malee jiraachuun murteessaa dha.

Namni dhuunfaas ta’e, sabni waan har’a hojjetee argate har’uma itti fayyadamee fixu boruu isaa ijaaruu akkasumas jiruuf jireenya ijoollee isaa fooyya’aa taasisuu hin danda’u. Uummanni keenya jiruuf jireenyi isaa boruu fooyya’aafi abdii qabeessa akka ta’uuf waan har’a hojjetee argatu irraa qusachuun barbaachisaa dha. Gama biraan uummanni keenya gama siyaasaan injifannoowwan hedduu biyya keenya Itoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisan galmeesisaa jira. Haata’u malee, siyaasni dinagdeen hin utubamne fulla’insa waan hin qabaanneef aadaa qusannaa isaa dagaagfachuun dinagdeen of cimsuu qaba.

Qusannaan waan har’a hojjennee argannu irraa hanga tokko jiruuf jireenya keenya boruuf kan ol kaawwannu yoo ta’u, karaa hawaasni tokko dinagdee cimaa ittiin ijaarratuufi madda faayinaansii cimaa ittiin mirkaneeffatu dha. Qusannaan boru jiruuf jireenya fooyya’aa jiraachuuf akkasumas, jireenya keessatti waan hin eegamne yoo nu muudate dandamachuu akka dandeenyuuf carraa kan nuu kennu dha. Kunis, rakkoo xiinsammuu sababa dhiibbaa jireenyaan dhufu irra bilisa ta’uun jireenya har’aafi boruu nagaafi abdiin akka jiraannu taasisa.

Qusannaan jireenya keenya karooraan akka hooggannu, waan karoorsine ammoo galmaan akka geenyu kan nu dandeessisu dha. Qusannaan of bira dabarree dhaloonni dhufu yaaddoofi dhiibbaa jireenyaa tokko malee akka guddataniifi baratan taasisuu keessatti hiika guddaa qaba. Kunis, qusannaan mallattoo qaroominaa ta’uu mirkaneessa. Hawaasni qaroome waan har’a hojjetee argate har’uma itti fayyadamee hin fixu; waan argatu irraa qusachuun boru jireenya fooyya’aa jiraata; dhalootaafis galaa kaa’a.

Gama biraan bakka qusannaan hin jirre investimentiin hin jiraatu. Bakka investimentiin hin jirre ammoo carraa hojii uumuufi guddina itti fufinsa qabu mirkaneessuun hin danda’amu. Qusachuun investimentiif ka’umsa ta’a jechuu dha.

Qusachuun gulantaa galiifi jireenyaa irratti kan hundaa’u osoo hin taane, waanuma argannu irraa hanga tokko kan olkaawwannu dha. Qusachuuf galii guddaa argachuun dirqama miti; galii argannu karooraan fayyadamuun jireenya boruuf hanga tokko olkaawwachuu dha.

Aadaan qusannaa keessumaa qusannaan maatii hawaasa keenya biratti gadi aanaa ta’uun uummanni keenya daldala keessa akka hin galle, investimentii irratti akka hin hirmaanne, yeroo rakkoon hin eegamne isa muudatu dandamachuu akka hin dandeenye darbees dinagdee biyyaa keessatti fayyadamaa akka hin taane taasisaa turee jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama hundaan hojiiwwan jiruuf jireenya uummataa jijjiiran hojjechuu qofa osoo hin taanee qusannaan maatii akka dagaagu taasisuun hawaasa naannichaa dinagdeen humnoomsuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jira. Oomishaafi oomishtummaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaa dabaluu, dargaggootaafi dubartootaaf carraa hojii bal’aa uumuun jiruuf jireenya isaanii akka fooyyeffatan taasisuu bira darbee dinagdee biyyaa keessatti hirmaannaa ga’aa akka taasisaniif hojiin bal’aan hojjetamaa jira. Hojiiwwan kun hundi garuu galma ga’uu kan danda’u, aadaan qusannaa sadarkaa maatiitti jiru yoo fooyya’uu danda’e qofa dha.

Kanaaf ammoo mootummaan Naannoo Oromiyaa tajaajilli dhaabbilee faayinaansii hawaasa keenya bira akka qaqqabu taasisuun aadaan qusannaa akka gabbatuuf dhaabbilee faayinaansii garaa garaa waliin ta’uun hojjechuu irratti argama.

Uummanni qusachuu qofa osoo hin taane, dhaabbilee faayinaansii irraa tajaajila liqii argachuun investimentiifi biizinasii keessatti akka hirmaatuuf hojjetamaa jiraachuu hubachuun aadaa qusannaa isaa gabbifatee fayyadamummaa dinagdee isaa cimsuu qaba.

Waan ta’eef, ummanni Naannoo keenyaa akkuma dinagdee naannoofi biyya keenyaa cimsuun Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuu keessatti hirmaannaa olaanaa taasisaa jiru, waan hojjetee argatu irraa qusachuun investimentiifi daldala keessatti akka hirmaatu; boruu isaa har’a akka ijaarratu waamicha koon dhiyeessa.

Kanaaf ammoo hawaasa keenya baadiyyaafi magaalaa bal’aa bira qaqqabuun aadaa qusannaa isaa fooyyessuuf hojjechuu irratti kan argamu Baankii Siinqeetti qusadhaa!

Haa hojjennu; haa qusannu!

Shimallis Abdiisaa
Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Amajjii 2015
Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.