Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Qonnaan bultoota 500f waraqaan qabiyyee lafaa kenname

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Godina addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Qonnaan bultoota 500f waraqaan qabiyyee lafaa kennameera.
Waraqaan qabiyyee lafaa kun, qonnaan bultoota lafti isaanii jalaa saamamee fi dhiibbaa adda addaan jalaa fudhatamee ture yeroo ammaa abbaan qabeenyummaa lafaa isaanii mirkanaa’eef kennamuu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii obbo Bariisoo Tamasgeen dubbataniiru.
Sirnoota darban keessaa Qonnaan bulaa Waggaa 27f qabeenya isaaraa buqqa’uun mirgi isaa sarbamaa tureef waraqaa ragaa abbaa qabeenymmaa kennamuunsaa obbo Bariisoon ibsaniiru.
Qonnaan bulttoonni kunneen lafasaanirratti qotatanii oomishanii itti tajaajilamuun abbaa qabeenyummaa isaanii kan itti mirkaneeffatu ta’uus eeraniiru.
Kenniinsi waraqaa ragaa abbaa qabeenymmaa qonnaan bultootaa kun kan ittii fufu ta”us himameera.
Gama biroon qonnaan bultoota gara invastimeentiitti ce’aniif beekamtiin kennameera.
Sirnicharratti keessumoonni kabajaa fi abootiin gadaa argamaniiru.
Amartii Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.