Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa naannoo Somaaleetti lammiileen hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasiise

Finfinnee, Amajjii 3, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa naannoo Somaaleetti lammiileen hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasiisuu ibsameera.

Jilli Kaantibaa magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Jawaariin durfamu naannoo Somaaleetti argamuun deeggarsicha Preezdaantii naannichaa obbo Musxafee Mahaammadiif laateera.

Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Muzxafee Mahaammad deeggarsa ummannii fi bulchiinsi magaalichaa taasiise galateeffachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.