Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa kaffaltoota gibiraa gibira seeraan kaffalaniif beekkamtii laate

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kaffaltoota gibiraa gibira isaanirra eeggamu seeraan kaffalan 178f beekkamtii laateera.

Kaffaltoonni Gibiraa taaksii fi gibira irraa eegamu haqummaan kaffaluun misoomaa fi guddina magaalichaaf gummachaa taasiisan galateeffamu qabu jedhan itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee.

Sirna beekkamtii laachuu kanarratti kan argaman aadde Adaanach, biyya ijaaruuf gibiraa fi taaksii kaffaluun dirqama lammummaa kanneen baataniif bulchiinsi magaalaa Finfinnee kabajacha guddaa isiniif qaba jechuun galateeffataniiru.

Bulchiinsi magaalichaa fedhiin gibira kaffaluu jajjabeessuuf kaffaltoota gibiraa sababoota garaagaraan gibira kaffaluu dandhabuun himannirratti baname kuma 6 fi 700 faayila isaanii cufuun birrii biiliyoona 10 haquu ibsaniiru.

Gibirri qoodinsi qabeenyaa haqa qabeessi akka jiraatu taasiisa kan jedhan aadde Adaanach, carraa hojii uumuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessa jedhaniiru.

Baatiwwan salgan darban keessa Birrii biiliyoona 33.3 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 32.31 walitti qabamuu ibsaniiru.

Gibirri walitti qabame kun kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame % 14 caalmaa qabaachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.