Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa tajaajiloota dhorkama dhimmoota lafaa fi lafaan walqabatan irra kaa’ee ture kaase

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee tajaajiloota dhorkama dhimmoota lafaa fi lafaan walqabatan irra kaa’ee ture Sadaasa 11, 2013 eegalee kaasuu beeksise.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee tajaajila dhimmoota lafaa fi lafaan walqabatan ilaalchisee Hagayya 20, 2012 eegalee yeroo hin murtoofneef ittisuun isaa kan yaadatamuudha.
Bulchiinsi magaalichaa rakkoolee tajaajila dhimmoota lafaa fi lafaan walqabatan irratti muul’atu furuuf hojii qulqulleessuu gaggeessaa ture xumuruu beeksise.
Dhimmoota kanneenirratti tajaajilli hawaasaaf akka hin laatamne dhorkamni kaa’amee ture Sadaasa 11, 2013 eegalee kan ka’e ta’uu bulchiinsi magaalichaa beeksisuu isaa ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.