Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsichi dhaabbilee Saayibarii faayidaa biyyaaleessaa qabanii fi damee Teeknoolojirratti bobba’an waliin kan hojjetu ta’uu ibse

Finfinnee,Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Bulchiinsi nageenya odeeffannoo dhaabbilee Saayibarii faayidaa biyyaaleessaa qabanii fi damee Teeknoolojirratti bobba’an waliin kan hojjetu ta’uu Daayreektarri olaanaan bulchiinsichaa Dooktar Shumatee Gizaw ibsaniiru.
Xiyyaara nama maleessaa yookaa diroonii kan hojjete barsiisaan Yuunvarsiitii Dambi Doolloo Amaanu’eel Baalchaa fi Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa Bulchiinsa nageenya odeeffannoo daawwataniiru.
Kaayyoon Kalaqa Barsiisaa Amaanu’eel akka milkaa’uu deeggarsa humna namaa fi meeshaalee kan taasiisan ta’uu Dooktar Shumatee Gizaw ibsaniiru.
Bulchiinsichi sadarkaa biyyaalessaatti guddattoota kennaa addaa qaban giddu gala kalaqaa dhaabbatichaa keessatti ga’oomsaa jiraachuu Dooktar Shumatee Gizaw eeruun, abbootiin kalaqaa akka barsiisaa Amaanu’eel bulchiinsicha keessatti ga’umsa isaanii akka cimsatan ni deeggara jedhan.
Preezdaantiin Yunvarsiitii Dambi Doolloo Dooktar Lataa Tasfaayee gama isaaniin buchiinsichi carraa kana uumuu isaa galateeffachuun, barattoota yunvarsiitichaa kennaa addaa qaban walitti qabuun waloon kan hojjetan ta’uu dubbatachuu isaanii ragaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoorraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.