Fana: At a Speed of Life!

Ragaalee saatilaayitiin hojiileen qorannoo gaggeeffamaa jiru-Inistiitiyuuticha

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Ragaalee saatilaayitii dhaabbileef dhiyeessuun hojiileen qorannoo akka cimaniif hojjetamaa uu Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’oo Ispaashaalii ibse.

Ragaalee damee Ji’oo Ispaashaalii dhaabbileef dhiyeessuu haalota dandeessisanirratti Inistiitiyuutichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Daayrektarri Ittaantuu Inistiitiyuutichaa Injiinar Beetliheem Niguseen, inistitiyuutichi ragaalee saatilaayitii argachuuf waggoota shaniif Ministeeraa Qabeenya Umamaa Chaayinaa waliin waliigaltee mallatteessuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan yeroo ammaa ragaalee saatilaayitoota sadii guutummaatti kuusaa ragaalee ol kaa’amuu himanii, ragaalee kanneen fayyadamuun hojiilee qorannoo garaagaraa gaggeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhaabbilee biroofis ragaalee dhiyeessuun hojiileen qorannoo fi misoomaa akka cimaniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.