Fana: At a Speed of Life!

Buufaataa fi Terminaalli Dirree Dhawaa eebbifame

Finfinnee, Amajjii 25, 2015 (FBC)- Buufataa fi Terminaalli Dirree Dhawaa Birrii biiliyoona 3.3’n ijaarame har’a eebbifameera.

Buufatichi lafa heektaraa 34.1 irratti, Dhaabbata Ijaarsaa Chaayinaa CCECC’n kan ijaarameedha.

Buufanni Dirree Dhawaa kanaan duraa lafa hektaaraa 0.5 ergisaan Geejjiba Baaburaa Ityoo Jibuutiirraa argateerratti tajaajila kennaa turuun ibameera.

Buufataa fi Terminaalichi sochii daldalaa alaa fi galii sadarkaa olaanaan guddisuun, guddinaa dinagdee gama maraaf gahee olaanaa akka qabaatu eerameera.

Buufatichi yeroo tokkotti bakkaa konkolaattotaa 140 dhaabsisu, mankuusaa meeshaalee akkasumas sarara daandii baaburaa Ityoo Jibuutii waliin kan quunnamsiifame ta’uun ibsameera.

Saganticharratti Asxaa haaraan Dhaabbata Tajaajilaa Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Ityoophiyaa ifoomeera.

Iyyoonaadaab Anduwaalamtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.