Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan karoora nageenyaa Afrikaan Raashiyaa fi Yuukireeniif dhiyeessite kan deeggartu ta’uu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)- Afrikaan Raashiyaa fi Yuukireeniin araarsuuf tattaaffii taasiftu Chaayinaan kan deeggartu ta’uu ibsite.

Dubbii Himtuu Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Maa’oo Giingi, hoggaantoonni Afrikaa tattaaffii ergama nageenyaa qabatanii Raashiyaa fi Yuukireeniin araarsuuf taasisan galatteeffataniiru.

Qaamooleen lameen walitti bu’iinsa jiru karaa dippiloomaasiin akka hiikaniif tattaaffii taasifamuu hundaa Chaayinaan kan deeggartuu ta’uus ibsaniiru.

Waliigaltee fi mariin karaa jeequmsa keessaa ittiin bahan akka ta’ee eeruu isaanii RT’n gabaaseera.

Gama biraatiin, Pirofeessarri Yuunivarsiitii Yasochoowu Viiktoor Gaa’oo, Ameerikaan dhimma biyyoota lameenii gidduu harkaa seensifachuu hanga hindhaabnetti nageenya mirkaneessuun rakkisaa ta’uu dubbataniiru.

Ameerikaan waraanicha dheeressuun faayidaa siyaasa quubsumaa Raashiyaa irratti qabdu milkeeffachuu akka barbaaddu himaniiru.
Kanaafis Raashiyaa fi Yuukireen waamicha nagaa dureewwan Afrikaarraa dhiyaatuuf simachuu wayyaaf jedhu.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.