Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan qoqqoobbii Eertiriyaarra kaa’amu kamiiyyuu kan mormitu ta’uu beeksiifte

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Zyiin Preezdaantii Eertiriyaa Isaayyaas Afawarqii waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Waang zhiin, Chaayinaan qoqqoobbii Eertiriyaarra kaa’amu kamiiyyuu kan mormitu ta’uu ibsaniiru.
Waang Zyiin kaleessa galgala daawwannaa hojiif Eertiriyaa kan galan yoo ta’uu, ergaa Preezdaantii Chaayinaarraa Preezdaant Isaayyaas Afawarqiif ergame geechisaniiru.
Xaalayaan ergame Preezdaant Isaayyaas gara Beejingi imaluun dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti akka mari’atan kan gaafatu ta’uu Ministeerri Beeksiisaa biyyattii Yemaanee Gabramasqal fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
Waang Zyii fi Preezdaant Isaayyaas misooma Buufata Mutsuwwaa, Asab, ijaarsa dandeettii humna namaa, bu’uuraalee misoomaa fi damee Albuudarratti tumsaan hojjechuuf marii gaggeessaniin waliigaluu isaanii Yemaane Gabramasqal ibsaniiru.
Chaayinaan Yeenii miiliyoona dhibba 1 Eertiriyaaf deeggarsa taasiisuus himaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.