Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti lakkoofsi fayyadamtoota Intarneetii 5G miiliyoona 450 ga’e

Finfinnee, Onkololeessa 09, 2014 (FBC) – Chaayinaatti lakkoofsi fayyadamtoota Intarneetii 5G miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 50 ga’uu Ministeerri Indaastirii fi Teeknooloojii biyyattii beeksise.

Giddugalli tajaajila interneetii kanaa haala gaariin  guddisuu danda’an miiliyoonni 1.16 ol biyyattii keessa jiraachuu ministeerichi beeksiseera.

Tajaajila interneetii biyyattii ammayyeessuuf abbootii warraa miiliyoona dhibba 2 ta’aniif sarara optikaalaa giigaabaayitii disriirsuu ibsameera.

Kana hordofee baatii 9 darbanitti galiin damee teelekoomiirraa argame kan bara darbeerra %28 dabaluu ibsameera.

Maddi:- Shiinawaa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.