Fana: At a Speed of Life!

Hojjetaan Daandii Qilleensaatti malaammaltummaa fi dhamaatii imaltootarratti raawwachuun shakkaman to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 9, 2016 (FBC)-Dhiyeenya hojjettoonni Daandii Qilleensaa Idil Addunyaa Booleetti malaammaltummaa fi dhamaatii imaltootarratti raawwachuun shakkame to’annoo jala oolfamuun ibsame.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa Obbo Masfiin Xaasawu ibsa miidiyaaleef kennaniin yakkoota dandicha keessatti raawwatamaniif guutummaatti Daandii Qilleensichaa itti gaafatamaa taasisuun fudhatama kan hinqabne ta’uu eeran.

Daandii Qilleensichaa keessa, Immigireeshinii, Gumuruka, Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa akkasumas Poolsiin Federaalaa qooda qabaachuu himan.

Dhiyeenya kanas Buufataa Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti gochaa malaammaltummaa fi dhamaatii imaltuu tokkorratti raawwatameef hojjetaan shakkame to’atamuu ibsaniiru.

Buufaticha keessatti gochaaleen akkanaa akka hinraawwatamneef qaamolee dhimmichi ilaalatu waliin walta’iinsaan akka hojjetus dubbataniiru.

Daandicha keessaa kaameeraawwan nageenyaa kuma 3 ol akka jiranis eeraniiru.

Itiyoophiyaan damee geejjiba qilleensaan bu’aa galmeessaa jiru cimsee kan ittifufu ta’uu akeekaniiru.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.