Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Adda Baba’ii Puushkiin-Gofaa eebbifame

Finfinnee, Hagayya 9, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti ijaarsi pirojektii daandii Adda Baba’ii Puushkiin-Gofaa kiiloomeetira 3.8 fagaatu eebbifameera.

Bara 2012 kan eegale ijaarsi daandichaa, meetira 30-45 kan bal’atu yeroo tokkotti konkolaattota hedduu keessummeessuu kan danda’u ta’uun eerameera.

Daandiichi lafa jala meetira 320 kan qabu, konkolaattota Qiirqoos, Gootaraa, Gofaa, Saarbeetii, Meeksikoo fi Qeerraarraan dhufan hulluuqsuu bira darbee magaalattiif miidhagina kan dabaluu ta’uun ibsameera.

Daandichi Adda Baba’ii Puushkiinii hanga Adda Baba’ii Gootaraatti liqaa mootummaa Chaaiynaarraa argameen Bulchinsa Magaalaa Finfinneetiin kan ijaarameedha.

Sirna eebbichaaratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, sadarakaa idil addunyaatti dorgomtummaa magaalatti mirkaneessuu fi miidhagina maqaa isheen gitu gonfuuf pirojektoota hedduu karoorsuun sochii taasisaa jirachuu ibsaniiru.

Bara kanas baajata olaanaa ramaduun pirojektoota haaraa 24 jalqabuu fi kanneen jiran hojiin suphuu gaggeeffameeraa eeran.

Pirojektiin har’a eebbifame Birrii biiliyoona 1.5 kan ijaaramee fi pirojektichi miidhaginaanis ta’e qulqullinaan dandiilee magaalatti jiran keessaa adda akka ta’e, egeree magaalatti kan argisiisudha jedhaniiru.

“Ni eegalle malee hinxumurre; ni aggaamne malee fiigicha keenyaa hinxumurre” jechuun ibsaniiru.

Aadde Adaanech, dameelee hundaan hojiileen eegalaman bu’aa argamsiisaa jiraachuu eeruun kunneenis humna ittiin fiiguuf qophoofne ni jabeessu jedhaniiru.

Sirna eebbaa kanarratti Ministira Ministeeraa Geejibaa fi Loojistiksii Aadde Daagimaawit Mogos, Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Sagantaa kanarratti sirni biqiltuu dhaabuu waloon gaggeeffameera.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.