Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Oomisha Teeknooloojiiwwan saayinsii hawaa gabbisuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Oomisha Teeknooloojiiwwan saayinsii hawaa biyya keessatti gabbisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiiseera.

Qaamoota jijjiirraa xiyyaaroota biyya keessatti bal’inaan oomishuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Obbo Masfin Xasaw ibsaniiru.

Qaama keessoo Xiyyaaraa biyya keessatti oomsihuuf sochiin eegalamuu eeruun, kunis Indaastiriiwwan Oomisha Saayinsii Hawaa gabbisuuf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Qaama keessoo xiyyaaraa biyya keessatti oomishuun sharafa alaa hambisuurra darbee carraa hojii uumuu fi ce’umsa Teeknooloojii babal’isuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu Obbo Masfin eeraniiru.

Giruuppiin Daandii Qilleensa Itiyoophiyaan qaama keessoo Xiyyaaraa Paarkii Indaastirii Qilinxoo keessatti oomishuuf Hagayya, 2015 Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa fi Korporeeshinii Misooma Paarkii Indaastirii waliin sanada waliigaltee mallatteessuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.