Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balalii gara Baahireen irra deebiin eegaluufi

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balalii gara Baahireenitti taasisu addaan cite ture xumura torban kanaatti irra deebiin eegaluuf ta’uu ibsame.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonsilaa Jeneraalaa Ambaasaaddar Awwal Wagriis Baahireenitti bakka bu’aa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Salamoon Daawwit waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin Daandiin qilleensichaa balalii torbanitti guyyaa sadii gara Baahireenitti taasisu Adoolessa 2,2022 kan eegalu ta’uu ibsameera.

Daandiin qilleensichaa balalii gara Baahireenitti taasisu sababa vaayrasii koroonaan addaan kutee kan ture yoo ta’u, balalicha irra deebiin eegaluun isaa hariiroo daldalaa, tuurizimii, invastimantii fi uummataa biyyoota lameenii ni cimsa jedhameera.

Dhamaatii wayita lammiileen gara biyyaa galanii isaan mudatu kan hambisu ta’uu ibsuu ragaan Baayreenitti Waajjira Qonsilaa Jeneraalaa FDRIrraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.