Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan Ministirri Muummee Rippaabliika Cheek Itiyoophiyaatti taasisan hariiroo biyyoota lamaanii caalmatti cimsa jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) – Daawwannaan Ministiri Muummee Rippaabliika Cheek Peetir Fiyaalaan Itiyoophiyaatti taasisan hariiroo biyyoota lamaanii caalmatti kan cimsu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan tumsa waraanaa fi diinagdee bara dheeraa qabaachuu Ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.

Daawwannaan isaan taasiisaa jiran hariiroo kanneen caalmaatti kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Ministirri Muummee Peetir Fiyaalaan mariin Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin taasisan tumsa diinagdee biyyoota lamaaniif caalmaatti carraa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Hoggantoonni lamaan hariiroo damee Qonnaa, Invastimantii, Teeknooloojii Waraanaa fi bu’uuraalee misoomaarratti bal’inaan mari’achuu Ambaasaaddar Misgaanuun eeraniiru.

Mariin isaaniis bu’aa qabeessa kan ture ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.