Fana: At a Speed of Life!

Daldala beeyladoota dhaabbii saffisiisuuf buufataaleen mirkaneessa fayyummaa shan ijaaramuufi

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)- Daldala beeyladoota dhaabbii Itiyoophiyaa saffisiisuuf buufataaleen tursiisaa fi mirkaneessa fayyummaa beeyladootaa shan ijaaramuuf ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Obbo Kaasaahuun Gofeen akka ibsanitti, buufataleen kunneen beeyladoonni dhibeerraa walaba ta’uu, sadarkaa biyyaa itti dhiyeeffanii kan guutanii fi ulaagaa sirriin gabaaf dhiyeessuuf murteessaadha.

Haaluma kanaan daldala alaa beeyladoota dhaabbii Itiyoophiyaa saffisiisuuf buufata tursiisaa fi mirkaneessa fayyaa beeyladootaa Miillee dhiyeenya hojii eegalu yaadachiisaniiru.

Buufata Miilleetti dabalataan naannawaa garagaraatti buufatalee walfakkaataan ijaaruuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Beeyladoota dhaabbii gabaa alaaf dhiyeessuun galii sharafa alaa guddisuuf mootummaan hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.