Fana: At a Speed of Life!

Damee Indaastirii xixiqqaa fi giddugaleessaan bu’aan argamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Dhaabbileen damee Indaastirii xixiqqaa fi diddugaleessaa deeggaran qindoominaan hojjechuu eegaluusaaniitiin bu’aan argamuu ibsameera.

Abbaan Taayitaa Babaldhina Oomishaa Xixiqqaa fi Giddugaleessaa bara baajataa 2013tti indaastiriiwwan dorgomaa ta’an uumuuf karoora dhaabbilee raawwachiistota 13 ol waliin karoorfatee ture ilaalchisuun magaalaa Adaamaatti marii gaggeesseera.

Daayireektarri Abbaa Taayitichaa Obbo Asaffaa Abbabaan, babaldhachuun indaastiriiwwan manufaakchariingii carraa hojii walitti fufiinsa qabu uumuu fi guddina diinagdeetiif wabii ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen damee kana deeggaran waliin qindaa’aniifi wal deeggaranii  hojjechuu eegaluusaaniitiin bu’aan galmaa’uus ibsuu ragaan abbaa taayiticharraa argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.