Fana: At a Speed of Life!

Dandeettii humna galaanaa ijaaruun dhaloota boriif bu’uraa kaa’uudha-Riir Admiiraal Kinduu Gizuu

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)-Ajaja Olaanaan Humna Galaanaa Ityoophiyaa Riir Admiiraal Kinduu Gizuu, Mooraa Koolleejjii Injiinariingii Raayyaa Ittisaa seenuuf, Mooraa Injiinariingii Raayyaa Ittisaa Bishooftuutti ogeeyyii bu’uuraa humna galaanaaf kallattii hojii kennan.

Ajaajichi dandeettii ogummaa ogeeyyii bu’uuraa humna galaanaa beekumsaan ijaaruuf leenjiin kennamuu cimee itti fufa jedhaniiru.

Riir Admiiraal Kinduu Gizuu ogeeyyiin galaanaa leenjii ogummaaf xiyyeeffannaa kennuun leenji’uu akka qaban eeranii, leenjichis gareenis ta’ee qeenxeen ergama kennamu ga’umsaan bahachuuf tumsa jedhaniiru.

Dandeettii humna galaanaa ijaaruun dhaloota boriif bu’uraa kaa’uu kan jedhan Riir Admiiraal Kinduu Gizuu yeroo ammaa, bu’uuraalee misoomaa mana barnootaa leenjii humna galaanaa guutuuf hojiileen eegalamuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.