Fana: At a Speed of Life!

Dargaggeessichi konkolaataa liitraan kiilo meetra 40 imalu hojjete

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Dargaggeessi lammii Ityoophiyaa ta’e, Konkolaataa liitra tokkoon kiilo meetra 40 imaluu dandeessu hojjete.

Naannoo Kibbaa godina Walaayittaa  magaalaa Arkaatti dhalatee kan guddate Ajaayyee Maajoor sibiilota gataman fayyadamuun konkolaaticha hojjeteera.

Deeggarsa Ministerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii taasiseen konkolaataan hojjetamte motora konkolaataa abbaa miila lamaa fayyadamuun kan hojjetamte yoo ta’u, duubatti deemuu akka dandeessu taasisee fooyyeessuun hojjeteera.

Konkolaatittiin ulfaatina kuntaala afurii kan qabdu yoo tatu, dandeetti nama 4 fe’uu qabdi.

Liitra tokkoon kiiloo meetra 40 imaluu akka dandeessu mirkanaa’era.

Ministerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii deeggarsa garagaraa kan taasiseef yoo ta’u, dhaabbilee damee oomishaa fi jijjiirraa meeshaalee konkolaatarratti bobba’an waliin hojjechuu akka danda’e eerera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.