Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi Jaak Maa marsaa 3ffaan Finfinnee gale

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Deeggarsi meeshaalee yaalaa Faawundeeshinii Jaak Maa marsaa sadaffaan har’a Finfinnee gale.
 
Deeggarsichi Finfinnee Tajaajila Fe’umsaa fi Loojastiiksii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa yammuu qaqqabu bakka buutonni mootummaa FDRI fi Gamtaa Afrikaa argamuun sirni walharkaa fuudhinsaa raawwatameera.
 
Deeggarsi meeshaa yaalaa marsaa sadaffaa kun maaskota miiliyoona 4.6, meeshaalee qorannaa kuma dhibba 5, veentileetaroota 300, uffannaawwan yaalaa kuma dhibba 2, haguuggii mataa fi fuulaa kuma dhibba 2, meeshaa ho’ina safaru kuma 2, safartuu yookin skaanara ho’ina qaamaa 100, glaavota harkaa cimdii kuma dhibba 5.
 
Faawundeeshinichi baatii Faranjootaa darbe maaskota yaalaa kuma dhibba 1, meeshaalee qorannaa yaalaa kuma 20, uffannaa ittisaa kuma 1, haguuggii mataa fi fuulaa kuma 1 tokkoon tokkoon biyyoota Afrikaa shantamii arfaniif arjoomera.
 
Marsaa 2ffaadhan ammoo veentileetaroota 500, uffannaa ittisaa fi haguuggii mataa fi fuulaa kuma dhibba 2, safartuu ho’inaa(teermoomeetira) kuma 2, meeshaalee qorannaa miiliyoona 1, glaavota kuma dhibba 5 arjoomera.
 
Amma ammaatti Afrikaatti namoonni kuma 32 ta’an vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, 1,423 du’anii 5,000 ammoo dandamataniiru.
Alamaayyahu Tashoomaa
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.