Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa vaayrasiin koroonaa weerara idila addunyaa ta’uu labse

Finfinnee, Bitootessa 2,2012 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa vaayrasiin koroonaa weerara idila addunyaa ta’uu labseera.
 
Dhibeen tokko weerara idil addunyaa kan ta’u yeroo walfakkaatuutti biyyoota garaagaraatti yoo tamsa’eedha jedhame.
 
Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoom torbee lamaan darban keessatti qofa chaayinaan ala namoonni dhibichaan qabaman dachaa 13n dabaluu ibsa har’a laataniin himaniiru.
 
Dhibicha to’achuuf hirmaannaan taasifamaa jiru laafaa ta’uun ammoo daraan isaan yaaddessuu Dooktar Teediroos ibsaniiru.
 
Maddi:-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.