Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Neezerlaand Vii’oon Telekoom Ityoophiyaatti hojii akka eegalu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015(FBC)- Dhaabbanni Neezerlaand “Vii’oon Telekoom” Ityoophiyaatti hojii akka eegalu waamichi dhiyaachuu ibsame.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi Hojii Raawwachiisaa olaanaa Garee “Vii’oon Telekoom” Maatiiw Gaalvaanii waliin viidiyoo Konfiransiin mari’atan.

Mariisaaniin, dhaabbitichi gara Ityoophiyaa dhufee yoo hojjete bu’aa qabeessa ta’uu akka danda’u Dooktar Iyyoob ibsaniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa gara Ityoophiyaa dhufuun filannoowwan daldalaa jiran akka daawwatan affeeraniiru.

Ministeerichi qaamolee Ityoophiyaatti damee teelekoominikeeshiniirratti bobba’uu barbaadan waliin hariiroo qabu cimsee itti fufuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Hojii Raawwachiisaa olaanaan Garee “Vii’oon Telekoom” Maatiiw Gaalvaaniin gamasaaniin, diinagdee Ityoophiyaa guddisuuf carraa hojii babal’achaa dhufe dinqisiifachuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.