Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Oomisha Simmintoo Chaayinaa Ityoophiyaatti damicharratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibse

Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC) – Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tafarraa Darrabaw dura Taa’aa Dhaabbata Siinoomaa Idil Addunyaa fi Daayrektara Olaanaa CNBM Luu Yaan waliin mari’ataniiru.

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti damee Oomisha Simmintoorratti bobba’uuf fedhii qabaachuu marii isaaniin kaasaniiru.

Warshaalee Simmintoo Ityoophiyaatti argaman Dizzaayina isaanii eegalee hanga ijaarsatti gumaacha dhaabbatichi taasiisaa jiruuf Ambaasaaddar Tafarraan galateeffataniiru.

Ityoophiyaatti fedhiin Simmintoo daraan dabalaa jiraachuu Ambaasaaddar Tafarraan kaasaniiru.

Dhaabbatichis Ityoophiyaatti damicharratti yoo hojjete fayyadamummaan waloo bal’aa ta’uu ibsaniiru.

Fooramii Invastimantii Eebla 18- 20, 2015 Finfinneetti gaggeffamurratti dhaabbatichi akka hirmaatan Ambaasaaddar Tafarraan affeeraniiru jedhame.

Guddina biyya tokkoof galteewwan Simmintoo fi Sibiilaa daraan murteessaa ta’uu Luu Yaan eeraniiru.

Warshaa Simmintoo ammayyaa jijjiirama qabeenya Qilleensaarratti dhiibbaa hin uumne Ityoophiyaatti ijaaruuf fedhiin jiraachuu kaasuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.