Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi jiraattota harka qaleeyyii godinichaa 210 ta’aniif gargaarsa midhaan nyaataa taasise

Finfinnee, Qaamme 2, 2012(FBC)- Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Dhaabbatni misoomaa Waliigala Odaa Bulluq rakkoo diinagdee sababa dhibee koronaan mudate dandamachiisuuf jiraattota harka qaleeyyii godinichaa 210 ta’aniif gargaarsa midhaan nyaataa taasise.

Jiraattotni harka qalleeyyiin aanaalee godinichaa aanaa Horroo, aanaa Horroo Bulluq, aanaa Jaardagaa Jaartee fi bulchiinsa magaalaa Shaambuu gargaarsi isaaniif malu adda baafaman kun, tokkoo tokkoo isaaniif boqqolloo fi qamadii walitti kg 50 fi zayitni nyaataa kennameefi jira.

Midhaan gargaarsaa waliigalaan kuntaala 105 waldichaan kenname kun maallaqa miseensotni waldichaa gumaachan kuma 300 ta,uun bitamee kan dhihaate.

Midhaan gargaarsaa cinaatti Dhaabbatni Misoomaa Odaa Bulluq meeshaalee ittisa dhibee koronaaf oolan gargaaramtootaaf arjoomuu itti gaafatamaan dhaabbatichaa Injiinar Kabbadaa Hordofaa Faanaa Biroodkaastiingii Korporeetiingiitti himaniiru.

Gargaarsi dhalattootni godinichaa dhaabbaticha waliin ta’uun jiraattota harka qalleeyyiif taasifamu kunis kallattii garaagaraan cimee kan itti fufu ta’uus ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.