Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbiilee fayyaa godina Jimmaaf deeggarsi meeshaalee Birrii miiliyoona 11 ol taasifame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2015(FBC)- Dhaabbiilee fayyaa godina Jimmaaf deeggarsi meeshaalee wal’aansa fayyaa Birrii miiliyoona 11 olii taasifameera.

Deeggarsichi Faawundeeshiinii Kooriyaan kan taasifame yoo ta’u, meeshaalee wal’aansaa kanneen akka Altiraasaawondii, Maashina Siibiisii, maayikirooskooppiifi kanneen biroo kan of keessatti qabate ta’uu eerameera.

Kana malees, mootar Saayikiloonni dhaabbiilee fayyaaf godinichaaf deeggarsaan kennamuu ibsameera.

Itti gaafatamaan waajira Eegumsa Fayyaa godinichaa obbo Fu’aad Saabit, meeshaaleen deegasaan argaman rakkoo dhaabbilee fayyaa kan hiikan ta’uu dubbataniiru.

Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin, qaama deeggarsicha taasise galateeffachuun, meeshaalee kanneen aanooleef dabarsanii kennaniiru.

Meeshaalee kanneen ala meeshaan Jiin ekispart jedhamuufi dhibee sonbaa sa’atii 2 keessatti qoratee beeksisuu danda’u Birrii miliyoona 3.6n bitamee biyya alaatii galaa jiraachuu odeeffanneerra.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.