Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee barnootaa olaanoo miidhaan irra ga’e 3 suphuun gara hojjiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC)- Naannoo Amaaraatti dhaabbilee barnootaa olaanoo garee shororkeessaa ABUTiin miidhaa guddaan irra ga’e 3 suphuun gara hojjiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Dhaabbilee barnootaa kanneen hanga Amajjii 30, 2014tti suphuun gara hojiitti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kiflee ibsaniiru.

Manneen barnootaa kuma 4 fi 300 olirratti garee shororkeessaan kun miidhaa qaqqabsiisuu fi kanneen keessaa manneen barnoota 190 guutummaan guutuutti barbadaa’uu turtii Faanaa Broodkaastiing koorporeet waliin taasisaniin kaasaniiru.

Manneen barnootaa kanneen hanga danda’ametti suphuun gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojii kanaaf lakkoofsi herregaa baankii qophaa’uu fi diyaaspoorota waliin waltajjii qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Manneen barnootaa rakkichi hin mudanne jiran waliin qindeessuun akka wal deeggaran taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Haala kanaan yuunvarsiitiiwwan naannoo Amaaraa 3 suphuun hanga Amajjii 30, 2014tti hojiitti galchuuf karoorri qabamuu ibsaniiru.

Tigist Silashiitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.