Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Abbaa Gaar Ityoophiyaa fi Jiibuutii waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Dhaabbileen Abbaa Gaar Ityoophiyaa fi Jiibuutii tumsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan.
 
Waliigaltichi har’a Dhaabbata Abbaa Gaar Ityoophiyaatti abbaa gaarii olaanaa Dooktar Indaalee Hayilee fi Dhaabbata Abbaa Gaarii Jiibuutiitti abbaa gaarii olaanaa Dooktar Qaasiim Isaaq gidduutti mallattaa’eera.
 
Waliigalteen kun dhaabbileen lameen dhimmoota bulchiinsa gaarii fi ijaarsa sirna demookraasirratti tumsaan akka hojjetaniif kan gargaaruu ta’uu Dhaabbata Abbaa Gaar Ityoophiyaatti abbaa gaarii olaanaan Dooktar Indaalee Hayilee ibsaniiru.
 
Biyyoonni lameen caalmaatti dhimmoota waloorratti tumsaan akka hojjetaniif murteessaa ta’uus eeraniiru.
Bu’uruma waliigaltichaan dhaabbileen lamaan muuxxannoo waljijjiirraa ogeeyyii kan taasiisan ta’uu Dhaabbata Abbaa Gaarii Jiibuutiitti abbaa gaarii olaanaan Dooktar Qaasiim Isaaq himaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.