Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen hawaasaa Siiviilii tajaajiloota hawaasaaf laataniin sochii foyyaa’a taasisa jiru

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC)- Dhaabbileen hawaasaa siiviilii bara bajaata darbeetiin tajaajila hawaasaf laataniin sochii foyyaa’a taasisa jiraachuu ibsameera.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 800 olii taasisu dubbataniiru.

Daayreektarri hordoffii galmeessaa fi gamaaggamaa eejansichaa obbo Tashoomaa Warquu, baajata bara darbeetiin biyyattitti kan argaman hawaasni siiviilii hojiwwan qonnaa, fayyaa, misooma naannoo fi deeggarsa namoomaa taasisa akka turan dubbataniiru.

Dhaabbile Siiviilii hawaasaa, sochochii boyyooleessa kan akka Ashaaraa magaarisaarratti hirmaata akka turee kan ibsan daayreekatarichi, weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf marsaa jalqaabatiin Birrii miiliyoona 4 ol deeggarsaan taasisu dubbataniiru.

Akka biyyatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaffii taasifamu deeggaruuf hawaasichi itti fufinsaan deeggarsa Birrii fi meeshaalee taasisa akka jiru obbo Tashoomaan ibsaniiru.

Dabalataniis erga weerarri vaayrasii koroona biyya keenyatti muuldhatee hojiiwwan hubannoo uumuufi hojii deeggarsa taasisa tureera jedhan.

Viidiyoo hubannoo uumuu afaan shaniin hojjechuun tamsaasa tureera.

Koree hundeessuun weerara vaayrasii koroonaa ittisuu kan oolu Birrii miiliyoona 800 deeggarsan taasisu ibsaniiru.

Yeroo amma kana Ityoophiyaatti dhaabbileen hawaasaa siiviilii kuma 2 fi 500 galmaa’anii akka jiraan ragaan eejensicharra arganne ni muuldhisa.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.