Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen misoomaa mootummaa taaksiin dura Birrii biiliyoona 55.55 buuse

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) – Dhaabbileen misoomaa mootummaa taaksiin dura Birrii biiliyoona 55.55 buuse.
Dhaabbilee Misoomaa Mootummaatti Ejansii Qabeenyaa fi Bulchiinsaa jala kan jiran dhaabbileen misoomaa 21 bara baajataa 2012tti taaksii dura Birrii biiliyoona 70 buusuuf karoorfatee Birrii biiliyoona 55.55 buuseera.
Daayrektarri olanaan ejansichaa obbo Bayyanaa Gabramasqal dhaabbileen bu’aa kana argachuu kan danda’an bara baajatichaatti gurgurtaa oomishaa fi tajaajilaa Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 38 baasu raawwachuunidha jedhan.
Bara baajataa 2013tti dhaabbileen misoomaa kunneen gurgurtaa oomishaa fi tajaajilaa Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 76.66 raawwachuun taaksii dura bu’aa Birrii biiliyoona 73.81 galmeessuuf karoorfachuu ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.