Fana: At a Speed of Life!

Dhalattoonni Gujii Finfinnee jiraatan lammiilee hongeen miidhamaniif deggarsa midhaanii kuntaalaa kuma 3 fi 400 taasisan

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Dhalattoonni Gujii Finfinnee jiraatan namoota biroo dabalachuun lammiilee godina Gujii Lixaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa daakuu Boqqolloo kuntaalaa kuma 3 fi 400 taasisan.

Deeggarsichi Birrii miiliyoona 19 kan shallagamu ta’uu ibsameera.

Dhalattoota Gujii Magaalaa Finfinnee jiraatan bakka bu’uun deeggarsicha kan dhaqqabsiisan, Obbo Taaddasaa Daamaa, midhaan deeggarsa Konkolaataan 9 Gujii Lixaatiif dhiyaachuu himaniiru.

Ittaanaan bulchaa godinichaa Obbo Waaree Gadaa gamasaaniin, hawaasini godinichaa aanaalee 6 keessa jiraatu rakkoo hongee fi nageenyaaf saaxilaamuu dubbatanii, qaamolee deeggersa dhiyeessan galateeffataniiru.

Roobni ga’aan yeroo isaa eeggate roobaa waan hin jirreef, deeggarsi eegalame addaan akka hin cinne gaafachuun hawaasni rooba xiqqaa argametti fayyadamuun hojii qonnaa akka jabeessuu fi bishaan akka cimmisu dhaamuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.