Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota damee teekinooloojiin gahoomsuun guddina hunda galeessa Ityoophiyaaf gahee olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)- Dhaloota damee teekinooloojiin leenjisuufi gahoomsuun guddina hunda galeessa Ityoophiyaaf gahee olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsan.

Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen hundeessituufi hojii raawwachiistuu olaantuu dhaabbata “iCog-ACC” Beeteliheem Dassee waliin mari’ataniiru.

Barnoota teekinooloojii teekinooloojii dhaabbatichi shamarraniif kennu akkasumas piroojektii  “DigiTruck Ethiopia” dhiyeenya Ministeerri Barnootaafi Dhaabbanni Huwaawee Teekinooloojiin waloon eebbisiisanirratti mari’achuu eerameera.

DigiTruck Ethiopian piroojektii iCog-ACC ta’uufi dargaggoota bakkeewwan garaagaraa jiraniif carraan walqixaa kennameefii leenjii Koodiingii, Roobootiksiifi ogummaa diijitaalaa garaagaraa akka argatan kan taasisu ta’uu ibsamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii FDRIrraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.