Fana: At a Speed of Life!

Dhibee beelladarraa namatti darbuu ittisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC)- Dhibee beelladarraa namatti darbuu ittisuuf Ministeerri Fayyaa fi Qonnaa waloon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Sadarka addunyaatti yeroo 6ffaaf, sadarkaa biyyoolessaatti ammoo yeroo 4ffaa mata duree ‘Fayyaa Guyyaa tokkoo’ (One Health Day) kan kabajamuu yoo ta’u bakka hoggantoonni hojii Initityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa, Dhaabbilee mootummaa fi miti Mootummaa argamaniitti sirnoota garaagaraatin Finfinneetti kabajamaa jira.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan haasa taasisaniin, mata dureen Fayyaa guyyaa tokkoo kayyoon hojiirra itti ooluu inni tokkoo namaa, horii fi naannoorratti rakkoolee fayyaa muudataan hariiroo qabachuusaanuu hubachuunii jedhaniiru.

Dooktar Liyaan, gama Ministeera Qonnaatin sadarkaa biyyoolessaatti dhibee Saree ittisuuf duula talaallii laachuuf taasifamaa jiru dinqisifataniiru.

Ministir deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggasaa gama isaaniin, dhibee beelladarraa namatti darbuu ittisuuf Ministeera Fayyaa waliin hojjechaa jiraachuu himuusaanii ragaan Ministeera Qonnaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.