Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaa biyyoota Lixaa qolachuuf hayyoonni tokkummaan socho’uu qabu jedhame

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Giddu seentummaa fi dhiibbaa alaa qolachuuf ga’ee hayyoota ilaalchisee mariin gaggeeffamaa jira.
Giddu seentummaa fi dhiibbaa biyyoota Lixaa qolachuuf hayyoonni tokkummaan socho’uu akka qaban hayyoonni dhimmicharratti marii taa’aa jiran ibsaniiru.
Biiroon Aadaa,Ogbarruu fi Tuuriizimii magaalaa Finfinnee giddu seentummaa biyyoota lixaa ilaalchisuun hayyoota waliin marii gaggeessaa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Misoomaa fi Jallisii Dooktar Birihaanuu Leenjisoo, Hayyuun Yuunvarsiitii Finfinnee Dooktar Daanyaachoo Asaffa fi waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyatti Itti gaafatamaan Qo’annoo fi Qorannoo obbo Kadir Maammoon marichaaf barreeffama yaada ka’umsaa dhiyeessaniiru.
Dhiibbaa fi giddu seentummaa biyyoota Lixaa qolachuuf hundi tokkummaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.
Biyyoonni Lixaa Ityoophiyaan mootummaa jabaa akka qabaattuu fi biyya jabduu akka taatu hin barbaadan jedhame.
Hayyoonni beekkumsaa fi muuxxannoo qabaniin biyya baraaruuf hojjechuu akka qabanis ibsameera.
Miidiyaalee fi barruulee idil addunyaarratti carraa argameen dhugaa jiru beeksiisuuf qabsaa’uun murteessaa ta’uu marichaan ka’eera.
Ololli sobaa Ityoophiyaa ilaalchisee miidiyaalee addunyaan ooffamaa jiru haala qabatamaa Ityoophiyaa kan hin ibsine ta’uu hawaasa idil addunyaaf hubachiisuun qooda hayyootaa ta’uu qaba jedhame.
Duula birmadummaa fi tokkummaa biyyaa baraaruuf hojjetamaa jiru hayyoonni tumsuu akka qabanis ka’eera.
Ashabbiri Kaasahuuntu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.