Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaa keessaa fi alaan Ityoophiyaarra ga’u qolachuuf qophiidha – Mootummaa naannoo Hararii

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Hararii ummata naannichaa qindeessuun dhiibbaa biyyaa keessaa fi alaa Ityoophiyaarra ga’u qolachuuf qophii ta’uu beeksiseera.
Mootummaan Naannoo Hararii dhimmoota haala yeroo irratti ibsa kenneera.
Garee shororkeessaa ABUT aangoof malee biyyaa fi hawaasaaf dhimma kan hin qabne ta’uu ibseera.
Gareen kun humnoota farreen nageenya diiggamuu biyyaa hawwan biyya keessaa fi alaa waliin hiriiruun biyyatti diiguuf sosocho’aa tureera jedhame.
Yaaliiwwan kaaniin milkaa’uu dadhabnaan Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti haala sukkeessaan haleeluun biyya ganuusaa dhugaa ba’eera jedha ibsichi.
Ityoophiyaannonni tokkumman Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa naannoo waliin dhaabbachuun yaalichi fasahaleessuu akka qaban ibsuu ragaan Biiroo Dhimmoota koominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.