Fana: At a Speed of Life!

Dhimmoota bu’uuraarratti waliigaltee uumuun biyyaa fi ummata ceesisuuf hojjetamaa jira – Obbo Adam Faarahii

Finfinnee, Onkololeesa 6, 2016 (FBC) – Ergamni ijoon hoggansaa yeroo itti aanuu dhimmoota bu’uuraarratti waliigaltee uumuun biyyaa fi ummata ceesisuuf hojjechuu ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahiin ibsan.

Obbo Adam Faaraahiin leenjii hoggantoota Paartii Badhaadhinaa naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Hoosaa’inaatti leenji’aa jiraniif ergaa dabarsaniiru.

Ergamni ijoon hoggansaa yeroo itti aanuu dhimmoota bu’uuraarratti waliigaltee uumuun biyyaa fi ummata ceesisuu ta’uu eeraniiru.
Carraalee jiran sirnaan fayyadamuun faayidaa uummataa fi biyyaf waloon hojjechuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Leenjiin kun hooggansa gidduutti tokkummaa uumuun waadaa ummataaf galame sirnaan raawwachuuf qooda qabaachuu ibsaniiru.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.