Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi hojiilee misoomaa saffisiisuuf gaheen Waldaalee Siiviilii olaanadha jedhame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC)- Naannoo Tigraayitti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa waliin gahuu fi hojiilee misoomaa saffisiisuuf gaheen Waldaalee Siiviilii olaanaa ta’uun ibsame.

Manni Maree Dhaabbilee Waldaalee Siviilii fi Abbaan Taayitaa Waldaalee Siiviiliii Naannoo Tigraayitti daawwannaa taasiseera.

Daawwannichaan Daayirektarri Abbaa Taayitaa Waldaalee Siiviilii Ityoophiyaa Obbo Jimaa Dilboo fi Walitti Qabaan Manni Maree Dhaabilee Waldaalee Siviil Ityoophiyaa Obbo Heenook Mallas miseensota Bulchiinsaa Yeroo Naannoo Tigraay waliin mari’ataniiru.

Bulchiinsa yeroo naannichaa bakka bu’uun kan hirmaataan Jeneraala Tsadiqaan Gabretinsaa’ee, dhaabbileen waldaalee siiviilii hojiilee hojjetaaniif naannawaa mijata barbaachisa jedhan.

Dhaabbileen damechaarratti bobba’anii jiran dhiyeessii deeggarsaa, ijaarsaa nageenyaa akkasumas misooma irratti hirmaachuu akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Manni maree Dhaabbilee Waldaalee Siviilii fi Abbaan Taayitaa Waldaalee Siiviiliii Daawwannaa Naannoo Tigraayitti taasisaniin, bakka tursiisa buqqaatotaa fi buqqaatota manneen barnootaa keessa buufatanii jiran daawwataniiru.

Hojiileen deebisanii ijaaruu fi deeggarsa namoomaa hatattamaarratti hojjetamuu akka qabu hubachiisuu ragaan Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii Ityoophiyaarraa aragme ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.